Aangoo fi Gaahee Hojii Waajjiraa

Bu'uura Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf Bahe Lak.214/2011tiin Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa Aangoo fi gahee hojii armaan gadii ni qaba

  1.  Sirni Heeraafi seeraa akka kabajamuufi olaantummaan seeraa akka mirkanaa’u ni taasisa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
  2.  Imaammata sirna haqa yakkaa biyyaalessaa hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
  3.  Qaama dhimmi ilaallatu waliin haala tarsiimoon ittisa yakkaa naannicha keessatti hojiirra itti oolu ni mijeessa; ni qindeessa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
  4.  Seerotni bahan hojiirra ooluufi hojiirra oolmaan isaaniis walfakkaatinsa kan qabu ta’uu ni mirkaneessa;
  5.  Dhimma seeraa irratti gorsaa olaanaafi bakka bu’aa mootummaa naannichaa ta’ee ni hojjata;
  6.  Manneen hojii qaama raawwachiistuu mootummaa Naannichaa hojii isaanii bu’uura seeraatiin raawwachuu isaanii ni mirkaneessa;
  7.  Mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa Lammiilee heeraafi seeraan eeggaman kabajamuu
    isaanii ni mirkaneessa;
  8.  Seerota biraatiin aangoon Poolisiif kenname akkuma eegametti ta’ee, dhimmoota yakkaa aangoo Mana Murtii Naannichaa ta’an, Akkasumas Dantaa mootummaafi ummata Naannichaatiin
    walqabatee Magaalaa Finfinnee Keessatti raawwataman Irratti barbaachisaa ta’ee bakka argametti qorannoon yakkaa akka jalqabamu ni taasisa; qorannoo yakkaa gaggeeffamu ni hooggana; ni hordofa; faayidaa ummataa bu’uura godhachuun Yookiin dhimmichi yakkaan kan hin gaafachiisne ta’uun ifatti yammuu beekkame qorannoon jalqabame
    akka addaan citu yookiin qorannoon yakkaa addaan citee ture akka itti fufu ni taasisa;
  9.  Yakkoota ciccimoo Yookiin yakkoota malaammaltummaa
    yookiin yakkoota dantaa ummataafi mootummaa ta’an yookiin yakka taaksii irratti raawwatamu poolisii waliin ni qorata; barbaachisaa ta’ee yoo argame yakkoota biroos Poolisii waliin ni qorata; raawwiin isaa Dambii
    bahuun kan murtaa’u ta’a
  10.  Manneen Hojii Mootummaa yookiin Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa yookiin Jaarmiyaalee Ummataa keessatti yakka malaammaltummaa hojjetaa yookiin Abbaa Taayitaa isaanii yookiin namoota kan birootiin raawwatamuu isaa eeruun yoo isa dhaqqabu yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e Poolisii waliin ni qorata; akka qoratamu ni taasisa; tarkaanfii barbaachisaa ta’e ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
  11.  Aangoofi hojii mana hojichaatiin walqabatee qorannaa, himannaafi adeemsa murtii yakka malaammaltummaa gufachiisuuf yakkoota nama kamiinuu raawwatamuu isaa eeruun yammuu isa gahu yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e Poolisii waliin ni qorata;
  12.  Yakkoota malaammaltummaa seera yakkaa yookiin seerota biroo keessatti tumaman yookiin gochoota yakkaa Labsii kanaan dhorkamaniin walqabate eeruun yoo isa ga’e yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e sirna dhoksaatiin yookiin haala mijaahaa diriirsuudhaan mala adda addaatti fayyadamuun poolisii waliin odeeffannoo yookiin eeruu ni sassaaba; akka sassaabamu ni taasisa; murtii barbaachisaa ni kenna; ni kennisiisa;
  13.  Faayidaa yookiin bu’aa yakka malaammaltummaatiin argame filannoo yookiin tooftaa adda addaatti fayyadamuun akka deebi’u ni taasisa; ni himata; ni falma, ni deebisisa; ni dhaalchisa, himanni yakka malaammaltummaatiin dhiyaate yookiin yakkoota malaammaltummaa adeemsa qorannaarra jiran falmii himannaatiin ala akka xumuramu ni taasisa; raawwiin isaa Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a
  14.  Qorannaa yakka malaammaltummaa ciccimootiin walqabatee bu’uura seera sirna deemsa falmii yakkaa yookiin seerota biroo rogummaa qabaniin mooraa nama kamiiyyuu yookiin mana jireenyaa yookiin iddoo hojii yookiin konkolaataa yookiin qabeenya biroo kamiiyyuu akkaataa barbaachisummaa isaatti akka sakatta’amu ni taasisa; ni hordofa; to’annaa jala akka oolu ni taasisa;
  15.  Namoota yakka malaamaltummaa ciccimaatiin shakkaman yeroo sa’aatii 48:00 hin caalleef ajaja Mana Murtii osoo hin barbaachisne bu’uura Seera Sirna Deemsa Falmii Yakkaafi Labsii Sirna Seera addaafi Ragaa Farra Malaammaltummaatiin to’annaa jala oolanii buufata Poolisii akka turan ajaja ni kenna;
  16.  Qorannaaf barbaachisaa ta’ee yoo argame bu’uura Seera Sirna Deemsa Falmii Yakkaa yookiin seerota biroo rogummaa qabaniin nama kamiiyyuu dhiyeessisee ni gaafata; jechi irraa akka fuudhamu ni taasisa; nama yookiin mana hojii kamiiyyuu irraa ragaan akka dhiyaatuf ni ajaja, ragaa dhiyaate ni fudhata;
  17.  Yakka malaammaltummaa yookiin taaksiin walqabatee maallaqni yookiin qabeenyi argame Baankii keessa jiraachuu isaa shakkiin gahaan yookiin ragaan yoo jiraate herrega Baankii shakkamaa yookiin maatii isaa yookiin maqaa nama biraatin olkaawamuusaa ragaa gahaan yoo argame yookiin gahee aksiyoonaa qabaachuun isaa ragaan kan jiru yoo ta’e ajaja Abbaa Alangaa waliigalaatiin ragaan akka walitti qabamu ni taasisa; barbaachisaa ta’ee yoo argame ajaja Mana Murtiin maallaqichi yookiin qabeenyichi akka hin sochoone ni taasisa;
  18.  Qabeenyi nama kamiiyyuu gocha yakka malaammaltummaatiin argame, horatame yookiin tilmaama miidhaa gahee haala walqabaateen qorannaarra jiran ajaja Mana Murtiitiin akka hin sochoone ni taasisa; qabeenyi nama kamiiyyuu yakka malaammaltummaatiin argamuun yookiin horatamuun isaa yoo mirkanaa’e qabeenyichi ajaja Mana Murtiitiin akka dhaalamu ni taasisa yookiin tilmaama miidhaa gaheen kan walmadaalu akka deebi’u yookiin caalbaasiin gurguramee yookiin osoo hin gurguramin mootummaaf galii akka ta’u ni taasisa;
  19.  Namoota mirga yakkaan himatamu dhabuu qabaniifi yakka malaammaltummaatiin shakkaman yookiin himatamuu qaban mirgi kun akka irraa ka’u qaama mirgicha kaasuuf aangoo qabutti ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu poolisii waliin ni qorata; ni himata; ni falma; raawwii isaa ni hordofa;
  20.  Namni yakka malaammaltummaa irratti hirmaate tokko dhimmichi mana murtiitti osoo hin dhihaatin dura odeeffannoo barbaachisaafi bu’aa qabeessa ta’e yoo kenne himannaa irraa bilisa akka ta’u ni taasisa;
  21.  Bu’uura seeraatiin balleessummaa irratti akka waliigalamu ni murteessa; walta’iinsa ni taasisa; falmii himannaatiin ala tarkaanfiiwwan filannoo kan biroo akka fudhataman ni murteessa; hojirra oolmaa isaa ni hordofa;
  22.  Ciraa akka ragaatti fayyadu addaan ni baasa; saamudni akka fudhatamuu yookiin suuraan akka ka’u ni taasisa; akkaataa qabiinsa yookiin haala ciraan abbaa qabeenyichaatiif itti deebi’u ilaalchisee qajeelfama ni kenna;
  23. Murtiin Abbaa Alangaatiin kennamu madaalawaafi tilmaamamaa akka ta’u kan gargaaru Qajeelfama ni baasa; hojiirra ni oolcha; hojiirra ooluu isaa ni hordofa;
  24.  Ragaan seeraafi himatamaa akka dhiyaatan qaama dhimmi ilaaluuf ajaja ni kenna; ni hordofa; bu’uura ajaja kennameen raawwatamuu yoo baate tarkaanfii seeraa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
  25.  Bu’uura seeraatiin eeruu kennitoota, ragaa baatotaafi maatii isaaniitiif qaama dhimmi ilaalu waliin Wabii Eegumsa Qaamaafi Hojii ni kenna; akka kennamu ni taasisa;
  26.  Galmee qorannoo yakkaa irratti bu’uura seeraatiin murtii ni kenna; mootummaa bakka bu’ee himata ni hundeessa; falmii ni gaggeessa; faayidaa ummataaf barbaachisaa ta’ee yoo argame himata ni kaasa; himata ka’e akka itti fufu ni taasisa;
  27.  Murtii Manni Murtii sadarkaan jiru kennu irratti komiin yoo jiraate ol’iyyannoo ni gaafata; ni falma; iyyata ijibbaataa ni dhiyeessa;
  28.  Ajajaafi murtiiwwan yakkaa manneen murtiitiin kennaman bu’uura seeraatin raawwatamuu isaanii ni hordofa; bakka hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
  29.  Dhimma baraarsaafi dhiifamaa ilaalchisee qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata; sirna ni diriirsa; waajjira boordii dhiifamaa ni hundeessa; ni hooggana;
  30.  Qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan karoora raawwii mirga namoomaa ni qopheessa; raawwii isaa ni hordofa; sadarkaa naannootti qaamolee dhimmi ilaalu ni qindeessa; qaama dhimmi ilaaluuf gabaasa ni dhiheessa;
  31.  Mirgi sirreeffamtoota seeraa yookiin namoota buufata Poolisii yookiin mana sirreessaa keessatti to’annoo seeraa jala jiran kabajamuu isaa ni hordofa; haalli qabiinsa mirgaafi yeroon turtii bu’uura seeraatiin ta’uu isaa ni mirkaneessa; gochi seeraan alaa yoo raawwatame tarkaanfii seeraa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
  32.  Namootni yakka salphaan shakkaman yookiin yakka raawwachuun isaanii shakkisiisaa ta’e poolisiin bu’uura seeraatiin akka gadi lakkisu qajeelfama ni kenna; raawwii isaa ni hordofa; tarkaanfii seeraa ni fudhata;
  33.  Hubannoon seeraa hawaasaa akka cimu barumsa hubannoo seeraa ni kenna; qaamota dhimma kana irratti hirmaatan ni qindeessa; bu’aa isaa ni xiinxala.
  34.  Seeronni bahan yookiin fooyya’an qo’annoo irratti akka hundaa’an qo’annoo seeraa ni gaggeessa; akka gaggeeffamu ni taasisa; wixinee seeraa ni qopheessa; wixineewwan seeraa qophaa’anii dhiyaatan xiinxalee ni sirreessa;
  35.  Afaan Amaaraafi Ingiliiziitti sirnaan hiikkamee dhiyaachuu isaa ni mirkaneessa; qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa;
  36.  Seerota naannichaa sirnaan ni qaba; hojii kodifikeeshiniifi jildeessuu ni raawwata; qaamolee dhimmi ilaalu waliin ta’uun seerota Federaalaa gara Afaan Oromootti ni hiika;
  37.  Seerotni bahan Heera, seerota Naannichaafi Federaalaa, Waliigalteewwan Idil-Addunyaa, mirga dubartootaafi daa’immanii akkasumas, tumaalee kan biroo Itoophiyaan mirkaneessite waliin kan wal siman ta’uu isaanii ni mirkaneessa;
  38.  Mirgaafi dantaa ummataafi mootummaa kabachiisuuf Manneen Hojiifi Dhaabbilee Misooma Mootummaa Naannichaa, akkaataa barbaachisummaa isaatti jaarmiyaalee ummataa bakka bu’ee himata hariiroo hawaasaa ni hundeessa; ni falma; deebii ni kenna; dhimmoota falmiin jalqabame gidduu seenuudhaan ni falma; murtii kenname bu’uura seeraatin ni raawwachiisa;
  39.  Waliigalteewwan manneen hojiifi dhaabbilee misoomaa mootummaa naannichaa qaama biroo waliin taasisan ilaalchisee seera qabeessummaa isaa ni xiinxala; gorsaafi deeggarsa seeraa ni kenna; raawwiin isaa Qajeelfama Manni Maree Bulchiinsaa baasuun kan murtaa’u ta’a;
  40.  Dhimma hariiroo hawaasaa Manneen Hojii yookiin Dhaabbileen Misooma Mootummaa Naannichaa irratti waldhaban ilaalchisee dhimmichi mana murtii yookiin mana murtiin ala mala filannoo jiruun akka furamu ni murteessa; bu’uura murtichaatiin raawwatamuu isaa ni mirkaneessa;
  41.  Namoota himannaa hariiroo hawaasaa banuuf humna dhaban keessumaayyuu dubartoota, daa’imman, qaama miidhamtootaafi maanguddoota bakka bu’ee ni falma; akka falmamu ni taasisa;
  42.  Namoota gocha yakkaatiin miidhaan irra gaheefi himata dhiyeeffachuufi falmuuf humna hin qabne bakka bu’ee beenyaa akka argatan himannaa hariiroo hawaasaa ni dhiyeessa; ni falma yookiin walta’iinsa ni taasisa;
  43.  Hojii isaa ilaalchisee qorannaafi qo’annoo hojii ni taasisa; ragaaleefi istaatistiiksii adda addaa walitti ni qaba; ni qindeessa; ni tamsasa; ni gabaasa;
  44.  Ilaalcha, dandeettiifi ogummaa Abbaa Alangaafi hojjattootaa itti fufiinsaafi sadarkaa sadarkaan cimsuuf leenjii ni kenna; leenjii fi carraan barnootaa akka kennamu ni taasisa;
  45.  Ogeessota seeraa naannicha keessatti tajaajila abukaatummaa irratti bobba’uu barbaadanii fi ulaagaa guutaniif akkasumas barreessitoota dhimma seeraatiif hayyama ni kenna; ni haaromsa; ni hordofa; ni to’ata; ni dhorka; ni haqa;
  46.  Qaamolee dhimmi ilaalu waliin sirni tajaajila seeraa bilisaa itti kennamu ni diriirsa; tajaajilichi akka kennamu ni taasisa; ni hordofa; ni to’ata;
  47.  Waldaaleefi dhaabbilee miti mootummaa bu’aaf hin hundeeffamne ni galmeessa; hayyama qaama seerummaa ni kenna; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hordofa; ni to’ata; gabaasa raawwii hojii dhiyaatu irratti hundaa’uun hayyama ni haaromsa; ni dhorka; ni haqa;
  48.  Waldaaleefi dhaabbilee miti mootummaa Mootummaa Federaalaa irraa hayyama fudhatanii naannicha keessatti hojjatan ni to’ata; qaama dhimmi ilaaluuf ni gabaasa;
  49.  Hojiiwwan mirkaneessaafi galmeessa ragaalee qaamolee birootiif seeraan hin kennamne ni raawwata; ragaa ni kenna;
  50.  Qaxara, muudama, ramaddii, guddina, jijjiirraa, mindaafi faayiddaa adda addaa, naamusa, sooramaafi dhimmoota biroo bulchiinsa Abbaa Alangaa ilaallatan kan murteessu Gumii Bulchiinsa Abbaa Alangaa naannichaa ni hundeessa; raawwiin isaa Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a;
  51.  Dubartootnifi daa’imman bulchiinsa haqaa keessatti qooda fudhattootaafi fayyadamtoota akka ta’an ni hojjata; haala ni mijeessa; ni deeggara;
  52.  Qaamolee adda addaa waliin qunnamtii ni taasisa; qabeenya ni horata; waliigaltee ni mallatteessa; ni himata; ni himatama.

Leave a Comment