Adeemsa Hojii Mirkanessaa Sanadootaa fi Kenna Hayyamaa

Sanadoota Mirkaneessuu fi Galmeessuun Dura Dhimmoota Xiyyeeffannoon Itti Kennamuu Qaban

Hojii mirkanessa fi galmeessa sanadoota hojechuundura dhimoota armaan gadii  hubatamu qabu. 

1) Hojimaata Mana Hojii keenyaatiin waraqaaleeneenyummaa armaan gadii fudhatama  niqabaatu. 

(a) Waraqaa eenyummaa jiraataa gandaa, 

(b) Waraqaa eenyummaa hojjattoota mootummaa, 

(c) Paas poortii yeroon isaa hin darbine 

(d) Waraqaa hayyamaa Abukaatoo, 

(e) Hayyama konkolaachisummaa 

(f) Waraqaa eenyummaa kaffalaa gibiraa 

(g) Waraqaa eenyummaa sooramaa hojjatoota mootummaa, 

(h) Waraqaa eenyummaa barattoota yunivarsiitii baratoota idilee kan semisteraan  haromsame 

2) Waraqaaleen eenyummaa armaan olliti tarreeffaman yemmuu dhihaatan kan  haaromsaman, suuraan kan itti maxxanfame, chaappaan kan sirnaan irratti rukutame,  wanti haqame kan irra hin jiraanne, mallattoo abbaa taayitaa waraqaa eenyummicha  kennee kan qabu, tiitarii maqaa fi itti gaafatamummaa sirriitti kan irratti taasifame ta’uutu  irra jiraata. 

3) Sanadni tokko mirkanaa’uuf yemmuu dhiyaatu sanadicha irratti namni mallatteessuuf  dhiyaate maqaafi teessoon isaa kan sanadicha irratti ibsameen tokko ta’uu isaa  mirkaneessuu fi sanadicha irratti mallatteessuufis mirga yookiin aangoo kan qabuu ta’uu  isaa mirkaneessuu;

4) Waraqaan eenyummaa yemmuu dhiyaatu, namni waraqaa eenyummichaa qabatee  dhiyaate sun isa waraqaa eenyummichaa irratti suurri maxxanfame faana tokko ta’u  isaamirkaneessuu,  

5) Sanadni dhiyaate utuu hin mirkaneessiin dura qabiyyeen isaa faallaa seeraafi safuu  (moral) ta’uu dhiisuu isaa mirkaneessuu; 

6) Sanadoota mirkaneessuun dura seerota rogummaa qaban hordofuu fi hubachuun  barbaachisaa ta’uu; 

7) Namni mallatteessuuf dhiyaate dandeetti kan qabu (umuriin isaa waggaa 18 kan guute,  M/Murtiitiin kan hin dhorkamne, itti gaafatamummaa wanti inni raawwatu hordofsiisu  sirriitti kan hubatu ta’uu isaa mirkaneessuu) 

8) Sanadootni mirkanaa’uufi galmaa’uuf gara mana hojii keenyaatti dhiyaatan hundi afaan  hojii naannichaatiin (Afaan Oromootiin) kan qophaa’an ta’uutu irra jiraata. 

9) Yeroo kamiiyyuu dhimma qabatee dhiyaate raawwachiisuu kan danda’u abbaa dhimmaa  ofii isaatiin yookiin bakka bu’aa seeraan bakka isaa bu’ee, moogziitii (tutor) yookiin yoo  waldaa ta’e hojii gaggeessaa waldichaa yookiin bakka bu’aa isaa ta’uutu irra jiraata.

10) Seera dhaabbataa foyyeessuuf qaboon yaa’ii kan dhiyaatu bakka dhaabbatichi itti  galmaa’eetti ta’uu qaba. 

11) Sanadoota mallattaa’uuf dhiyaatan irratti maqaa guutuu hanga akaakayyuutti,  lammummaafi teessoon jiraachuu isaa mirkaneessuun barbaachisaa dha.

12)Barreeffamni hundeeffamaa, danbii ittiin bulmaataafi qaboowwan yaa’ii yemmuu dhiyaatan yoo xiqqaate koppi 3 tiin kan qophaa’anii fi kan irratti hin mallattoofne ta’uu  qabu. 

13) Tokkoon tokkoon sanada orjinaalaa dhiyaatan waliin koppiin isaanii sirrii ta’ee  walqabatee dhiyaachuu isaa mirkanessuu. 

14) Sanadootni walii galtee walta’iinsa wal fuutotaa barbaadan yemmuu dhiyaatan ragaan  gaa’ilaa yookiin gaa’illi yoo hin jiraanne ragaan hin fuunnee/ heerumne jedhu ji’a jaha  (6) keessatti qaama dhimmi ilaalu irraa kan kenname dhiyaachuu mirkaneessuu 

15) Sanadoota biyya alaatti karaa Ministeera Dhimma Alaatiin ergamanii fi afaan alaatiin  barreeffaman qaama hayyamni turjumaanaa kennameefiin gara Afaan Oromootti  turjumanuun isaa mirkanaa’uu qaba.  

16) Tajaajilamtoonni sababoota dhukkuba sammutiin, dullumaa fi dhukubaan fedhii isaanii yookiin dhimma dhufaniif ibsachuu hin dandeenye namoonni dhimma isaanii raawwachiisuuf dhufan bulchaa qabeenyaa(tutors)yookiin aangoo kunuunsituu (Gurdians) mana murtiitiin muudamuu isaanii dhiyeessuu isaanii mirkaneessuu 

17) Qabeenya dhaalaan yookiin kennaan argame deebisanii gurgurtaan ykn kennaan  dabarsuuf qabeenyichi dhaalaan ykn kennaan Abbaa Warraa ykn Hadha Warraa qofaaf kennamuunkanargame ta’uuRagaa dhaan yoo mirkanaa’e ragaa gaa’ilaa gaafachuun  barbaachisaa miti. 

18) Lammiileen biyya alaa hayyama invastimantii hanga hin dhiheessinetti abbaa qabeenyaa qabeenya hin sochoonee ta’uu hin danda’an. 

19) Dhalattoonni Itoophiyaa lammii biyyaa alaa ta’aniifi waraqaa eenyummaa  dhalattummaa Ministeeraa Dhimma Alaa irraa yoo dhiyeessan akka lammii biyyattiitti  keessumeeffamu. 

20) Kewwata kana 18 fi 19 jalatti kan tumamaan akkuma jirutti ta’e lammileen biyya alaas ta’e dhalattoonni Ithoophiyaa lammii biyya alaa ta’an dhaabbilee akka baankii, inshuraansiifi dhaabbilee faayinaansii biroo keessaatti abbaa akisiyoonaa ta’uu hin  danda’an. 

 1) Hojii waligaltee gurgurtaa ykn kennaa Qabeenya hin sochoone bu’uura (SHH  kewt.1723 fi 2875) ttiin mirkaneessuu fi galmeessuuf dhiyaataan ulaagaaleenarmaan  gadiitti gutaanii dhiyachuun barbaachisaa dha  

(a) Waliigaltee akkaataa seeraatiin qophaa’e dhihaate 

(b) Ragaa abbaa qabeenyummaa ibsu 

(c) Tilmaama qabeenyichaa 

(d) Dhorkaa fi idaa irraa bilisa ta’u isaa 

(e) Gaaila kan qaban yoo ta’e ragaa fuudhaa fi heerumaa,haati manaa/abbaan manaa  waligaltee kanaaf fedhii qabaachuu ishii/isaa jiraachuu ykn aangoo bakka  bu’ummaa dhimma kana irratti kenname yoo jiraate ykn gaa’ila irraa bilisaa ta’u  ibsu kan qaama aangoo qabuu irraa kenname 

(f) Gurgurtaan ykn kennaan kun kan raawwatu bakka bu’ummaan yoo ta’e aangoo  bakka bu’ummaa kennameef dhiheessuu qaba.  

(g) Waraqaa eenyummaa qaama waliigaltee raawwatee fi ragaa baatotaa

2) Ulaagaaleen armaan olitti tarreeffaman akkuma jiranitti ta’e, kan gurguramu ykn  kennamu qabeenyaadhaabbata daldalaa yoo ta’e sanadootni armaan gadii dabalataan  dhihaachuu qabu. 

(a) Hayyama daldalaa haaromsame fi galmeessa daldalaa 

(b) Kiliraansii kan Abbaa Taayitaa Galiiwwan irraa kenname 

(c) Yoo dhaabbatni daldalaa kun immoo bifa waldaa daldalaatiin hundaa’eera ta’e barreeffama hundeeffamaa,danbii ittiin bulmaataa fi qaboo yaa’iin  dhihaachuu qaba. 

3) Hojii waligaltee gurgurtaa ykn kennaa Qabeenya sochoo’u(SHH kewt. 2426 fi  2427)ttiin mirkaneessuu fi galmeessuuf dhiyaataan ulaagaaleen armaan gadiitti  gutaanii dhiyachuun barbaachisaa dha.  

(a) Waliigaltee akkaataa seeraatiin qophaa’e dhihaate 

(b) Ragaa abbaa qabeenyummaa ibsu dhiyaachuu qaba.  

(c) Gaa’ila kan qabu yoo ta’e ragaa fuudhaa fi heerumaa,haati manaa/abbaan manaa  waligaltee kanaaf fedhii qabaachuu ishii/isaa ibsuu ykn aangoo bakka bu’ummaa  dhimma kana irratti kenname yoo jiraate ykn gaa’ila irraa bilisa ta’uu ibsu kan  qaama aangoo qabu irraa kennamee dhiyaachuu qaba.  

(d) Gurgurtaan ykn kennaan kun kan raawwatu bakka bu’ummaan yoo ta’ee aangoo  bakka bu’uummaa seeraan kenname dhihaachuu qaba.  

(e) Waraqaa eenyummaa qaama waliigaltee raawwatee fi ragaa baatotaa dhiyaachuu  qaba.  

4) Ulaagaaleen armaan olitti tarreeffaman akkuma jiranitti ta’e, kan gurguramu ykn  kennamu qabeenyaadhaabbata daldalaa yoo ta’e sanadootni armaan gadii dabalataan  dhihaachuu qabu. 

(a) Hayyama daldalaa haaromsame fi galmeessa daldalaa 

(b) Yoo dhaabbatni daldalaa kun immoo bifa waldaa daldalaatiin hundaa’eera ta’e  barreeffama hundeeffamaa, danbii ittiin bulmaataa fi qaboo yaa’iin dhihaachuu  qaba. 

Hojii waligaltee kiraa mirkaneessuu fi galmeessuuf ulaagaaleen armaan gadii gutamanii  dhiyaachuu qabu.  

1) Waligaltee akkaataa seeraatiin qophaa’ee  

2) Ragaa abbaa qabeenyummaa qabeenya kireeffamuu  

3) Kireessaa fi kireeffataan mirga ykn aangooqabaachuu isaanii mirkaneeffachuu

4) Kireesssaan gaa’ila kan qabu yoo ta’e ragaa fuudhaa fi heerumaa, haati  manaa/abbaan manaa waligaltee kanaaf fedhii qabaachuu ishii/isaa ibsuu ykn  aangoo bakka bu’ummaa dhimma kana irratti kenname yoo jiraate ykn gaa’ila kan  hin qabne yoo ta’e ragaa gaa’ila irraa bilisa ta’uu ibsu kan qaama aangoo qabu  irraa kennamee dhihaate 

5) Kan kireessuu ykn kireeffataan waldaa daldalaa yoo ta’e barreeffama hundeeffamaa, danbii ittiin bulmaataa, akkuma barbaachisummaa isaatti qaboo yaa’ii fi hayyama daldalaa haaromsame dhihaachuu qaba. 

6) Waraqaa eenyummaa qaama waliigaltee raawwatee fi ragaa baatotaa

Aangoo bakka bu’ummaa guutuu (Special Agency )  

1) Bakka bu’umaa guutuu bu’ura SHH kewt. 2199 fi 2205 tiin kennamu ulagaawwam  armaan gadii guutuu qaba.  

(a) Barreeffama bakka bu’ummaa akkaataa seeraatiin qophaa’ee dhiyaachuu qaba.  

(b) Aangoo bakka bu’ummaa irratti kan ibsame qabeenyi ykn mirgi addaa yoo  jiraate ragaa abbaa qabeenyummaa mirkaneessu dhiyaachuu qaba.  

2) Gaa’ila kan qaban yoo ta’e ragaa fuudhaa fi heerumaa, haati manaa/abbaan manaa  waligaltee kanaaf fedhii qabaachuu isaa ibsuu ykn aangoo bakka bu’ummaa dhimma  kana irratti kenname yoo jiraate ykn gaa’ila kan hin qabne yoo ta’e ragaa gaa’ila irraa  bilisa ta’uu ibsu kan qaama aangoo qabu irraa kennamee dhihaachuu qaba.  

3) Namni aangoo bakka bu’uummaa kennuuf dhihaatu mirga ykn aangoo qabaachuu  qaba. Aangoo bakka bu’ummaa kan kennu waldaa daldalaa ykn waldaa bu’a malee  yoo ta’e yoo ta’e sanadootni kanneen akka barreeffamaa hundeeffamaa, danbii ittiin  bulmaataa, hayyama daldalaa haaromsame fi akka barbaachisummaa isaatti qaboo  yaa’iinfi xalayaa hojii gaggeessaa ta’uu ibsu dhiyaachuu qaba.  

4) Waraqaa eenyummaa bakka buusaa dhihaachuu qaba.  

Bakki bu’ummaa bu’ura (SDFS kewt.57) kennuuf ulaagaleen armaan gadi guutanii  dhiyaachuu qaba.  

1) Barreeffama bakka bu’ummaa akkaataa seeraatiin qophaa’e dhiyaachuu qaba 

2) Waraqaa eenyummaa bakka buusaa dhiyaachuu qaba.  

3) Namni aangoo bakka bu’uummaa kennuuf dhihaate mirga ykn aangoo qabaachuun  isaa mirkanaa’uu qaba.  

4) Waligaltee tajaajila abukaatummaa akkaataa seeraatiin raawwatame dhiyaatee  mirkanaa’uu qaba.  

5) Abukaatichi hayyama abukaatummaa haaromsame kan bara sanaa kan qabaachuutu  irra jiraata.  

6) Aangoo bakka bu’ummaa kan kennu waldaa yoo ta’e sanadootni kanneen akka  barreeffamaa hundeeffamaa, danbii ittiin bulmaataa, fi akka barbaachisummaa isaatti  qaboo yaa’iin dhihaate. 

7) Waligalteen tajaajila abukaatummaa raawwatame akka ragaatti dhihaatu qabiiyyeen  isaa seeraa qabeessa ta’u qaba. Kana jechuun waligaltee keessatti kaffaltiin tajaajila  abukaatummaatiif kaffalamu ilaalchisee falmiin qabeenya tilmaamu danda’u irratti  kan gaggeeffamu yoo ta’e tilmaama qabeenyichaa keessaa hanga %15 tii  waligaluun kan danda’amu fi dhimmi falmiin irratti gaggeeffamu immoo dhimmaa yakkaa ykn hariiroo hawaasaa tilmaamuu hin dandeenye irratti yoo ta’e kaffaltiin  abukaatoof kaffalamu haala kamiinuu qarshii 50,000/kuma shantama/ kan hin  caallee ta’u qaba  

8) waligaltee tajaajila abukaatummaa keessatti durgoo oolmaa fi kan geejjibaa jedhamee, akkasumas, qabeenya fi qabiyyee fudhachuu kan waligalame yoo ta’e  seeraa duratti fudhatama kan hin qabaatu. waan ta’eef waligaltichi fudhatamuu hin  qabu. 

 

Akkaataa barbaachisumaa isaattii bakka bu’umaa SDFS Kewt 58 tiin kennamu ulaaga  armaan gadii guutuu qaba.  

1) Barreeffamni bakka bu’ummaa akkaataa seeraatiin qophaa’ee dhihaachuu qaba 

2) Bu’uura S/D/F/S/kewt.58 tiin ragaa bakka bu’aa fi bakka buusaan fira (maatii)  ta’uu isaanii agarsiisuu dhiyaachuu qaba.  

3) Namni aangoo bakka bu’uummaa kennuuf dhihaate mirga ykn aangoo qabaachuu  isaa mirkaneessuu 

4) Waraqaa eenyummaa bakka buusaa dhihaate 

5) Bakka buusaa fi bakka bu’aan abbaa manaa fi haadha manaa yoo ta’an ragaa  fuudhaa fi heerumaa qaama aangoo qabu irraa keennamee dhiheessuu qabu.

6) Ragaa bakka bu’ummaa irratti kan caqafame qabeenyi ykn mirgi addaa yoo  jiraate, ragaa abbaa qabeenyummaa/mirgaa/ ta’uu mikaneessu dhiyeessuu.

7) Bu’uuraa S/D/F/H/H kewt.58 tiin ragaan maatii ta’u ibsuu dhiyeesuun ossoo hin  barbaachisiin waraqaa eenyummaa, bakka buusaa fi bakka bu’aan maatii ta’uu  isaanii maqaa irraa kan hubatamu yoo ta’e ragaa biraa gaafachuun barbaachisaa  miti. 

Bakkaa bu’umaa kennamee haquuf ulaagawwan armaan gadii gutamuu qabu. 

1) Barreeffama bakka bu’ummaa kaasuuf akkaataa seeraatiin qophaa’ee dhihaate

2) Waraqaa eenyummaa nama bakka bu’ummaa kaasu dhihaate 

3) Aangoo bakka bu’uummaa akka ka’uuf barbaadame originaala ykn koppii isaa  yoo jiraatee dhihaachuu qaba. Kun akkumaa eegameetti ta’e ragaan kun kan hin jirre yoo ta’e bakka buusaan guyyaa ykn yeroo ragaan kun kenname ibsuun bakka  bu’umaa isaa haquu ni danda’a. 

4) Namni aangoo bakka bu’uummaa kaasuuf dhihaate mirga ykn aangoo qabaachuu  qaba.  

5) Bakka bu’ummaa kaasuun kun kan hojjatamu bakka duraan itti galmaa’etti ta’uu  qaba 

1) Bakka bu’umaa deebisuu namnii dhiyaatuu ulaagaalee armaan gadii guutuu  qaba.  

(a) Barreeffama bakka bu’ummaa deebisuuf akkaataa seeraatiin qophaa’ee  dhihaate 

(b) Namni aangoo bakka bu’ummaa deebisuu barbaaduu nama bakka isaa buuse  sana beeksisuu isaa mirkaneeffachuun barbaachisaa dha.  

(c) Bakka bu’aankun bakka buusaa isaa beeksisuu isaa jecha kakuutiin  mirkaneessee dhiheessuu qaba. 

2) Waraqaa eenyummaa nama bakka bu’ummaa deebisu dhihaate

3) Aangoo bakka bu’uummaa deebi’uufbarbaadame originaala ykn koppi isaa yoo  jiraatee dhiheessuu qaba.  

4) Ragaanarmaan olitti ibsaamee kun kan hin jirre yoo ta’e bakka bu’aan guyyaa  ykn yeroo ragaan kun kenname ibsuun bakka bu’umaa isaa deebisuu danda’a

5) Namni aangoo bakka bu’uummaa deebisuuf dhihaate mirga ykn aangoo  qabaachuu qaba.  

6) Bakka bu’ummaan deebi’u kun bakka duraan itti galmaa’etti ta’uu qaba

 

1) Sanada akka mirkanaa’u barbaadame originaalaa fi koppii isaa dhihaate

2) Sanadni dhihaate mallattoo, chaappaa mana hojii, titara maqaa abbaa aangoo fi  gahee hojii isaa ibsu kan qabuu ta’uu qaba 

3) Saamuudni(naamunaan) chaappaa fi mallattoo sanada dhihaate irraa jiru mana  hojii keenya keessatti galmaa’ee kan jiru ta’uu isaa mirkaneeffachuu

4) Waraqaa eenyummaa nama sanadicha qabatee dhihaatee

 

1) Waliigaltee akkaataa seeraatiin qophaa’ee dhiyaate  

2) Waliigaltichi qabeenya ykn mirga addaa kan ilaallatu yoo ta’e ragaa abbaa  qabeenyummaa waliinii dhihaate 

3) Waraqaa eenyummaa waliigaltootaa fi ragaa baatootaa dhihaate 

4) Gahee kan gadi lakkisu dhaabbata daldalaa yoo ta’an, akkuma barbaachisummaa  isaatti kiliraansii Abbaa Taayitaa Galiiwwan irraa kenname dhihaate

5) Gahee kan gadi lakkisuu waldaa daldalaa yoo ta’e barreeffama hundeeffamaa,  danbii ittiin bulmaataa fi akka barbaachisummaa isaatti qaboo yaa’iin dhihaachuu  qaba. 

6) Dhorkaa fi idaa irraa bilisa ta’u isaa 

7) Gahee kan gadi lakkisu gaa’ila kan qabu yoo ta’e ragaa fuudhaa fi heerumaa,  abbaan manaa /haati manaa waligaltee kanaaf fedhii qabaachuu isaa/ishii ibsuu  ykn aangoo bakka bu’ummaa dhimma kana irratti kenname yoo jiraate ykn  gaa’ila kan hin qabne yoo ta’e ragaa gaa’ila irraa bilisa ta’uu ibsu kan qaama  aangoo qabu irraa kennamee dhihaachu qaba.  

8) Namni gahee gadi lakkisuu mirga ykn aangoo qabaachuu qaba.  

Dhaamoo ifatti kennamu galmeessuuf (SHH kewt.881) ulaagaleen armaan gadii  guutamuu qabu.  

1) Barreeffamni dhaamoo akkaataa seeraatiin qophaa’e dhiyaachuu qaba. 

2) Dhaamoon kan kennamu nama dhaamoo kennuu qofaan ta’uu qaba.

3) Ragaa baatoninamootaa lamaa dhiyaachuu qabu.  

4) Dhaamoo kenname irraatti kan ibsame qabeenyi yoo jiraatee ragaa abbaa  qabeenyummaa waliin dhihaachuu qaba 

5) Waraqaa eenyummaanama dhaamoo raawwatee fi ragaa baatootaadhihaate galmeen  walqabachuu qaba. 

Dhammoo ifaattii kennamee diguun galmeessaamuun ni danda’a kanafiis ulaagaalee  armaan gadii gutaanii dhiyaachuu qabu. 

1) Barreeffamni dhaamoo kenname diiguuf akkaataa seeraatiin qophaa’ee dhiyaachuu  qaba.  

2) Dhaamoo kenname kan diiguu nama dhaamoo sana kenne qofaa ta’uusaa qaba. 

3) Ragaa baatota namootaa lama dhiyaachuu qabu.  

4) Waraqaa eenyummaa nama dhaamoo diiguu fi ragaa baatootaa dhiyaataa galmeen  wal qabachuu qaba.  

5) Dhaamoon kenname kan diigamu bakkuma dhaamochi duraan itti kennametti ta’a.

1) Waliigaltee akkaataa seeraatiin qophaa’ee dhiyaachuu qaba. 

2) Waliigaltee taasifame irraatti kan ibsame qabeenyi adda yoo jiraatee ragaa abbaa  qabeenyummaa dhihaachuu qaba  

3) Kan waliin hojjachuuf waliigale waldaalee daldalaa yoo ta’an hayyama daldalaa  haaromsame, barreeffama hundeeffamaa, danbii ittiin bulmaataa fi akkuma  barbaachisummaa isaatti qaboo yaa’ii dhiyaachuu qaba.  

4) Waraqaa eenyummaa waliigaltootaa fi ragaa baatootaa dhiyaachuu qaba. 

1) Moggaasa maqaa waldaa daldalaa kan waajjiraalee ykn Biiroo Daldala irraa  kenname dhiyaachuu qaba.  

2) Barreeffama hundeeffamaa fi dambii ittiin bulmaataayoo xiqqaate koppii sadiin  dhihaate 

3) Barreeffamni hundeeffamaa waldaalee daldalaa qabiyyee kanaa gadii qabaachuu qaba,  

(a) Kaayyoo waldichaa,  

(b) Kaappitaala waldichaa(baayina aksiyoonaa, gatiin aksiyoona tokko,  kaapitaalli waliigala) 

(c) Buusiin gosaan galii ta’ee yoo jiraatee akaakuu buusii godhamee, teessoo  qabeenyichi itti argamu, idaa fi dhorka irraa bilisa ta’u kan ibsu ragaa dhihaate

(d) Teessoo waldichaa 

(e) Maqaa guutuu miseensota waldichaa, lammummaa fi teessoo isaanii

(f) Waldaan daldalaa hundaa’e waldaa aksiyoonaa yoo ta’e maqaan boordii  daarektarootaa caqasamu qaba.  

4) Waraqaa eenyummaa miseensota waldichaa dhihaate galmeen wal qabachuu qaba. 

5) Barreeffama hundeeffamaa ykn dambii ittiin bulmaataa irraatti kan ibsame buusiin  akaakuu (contribution in kind) yoo jiraate ragaa abbaa qabeenyummaa  mirkaneessuu dhiyeessuu, gaa’ila kan qabu yoo ta’e ragaa fuudhaa fi heerumaa,  haati manaa/abbaan manaa waligaltee kanaaf fedhii qabaachuu ishii/isaa ibsuu ykn  aangoo bakka bu’ummaa dhimma kana irratti kenname yoo jiraate ykn gaa’ila kan  hin qabne yoo ta’e ragaa gaa’ila irraa bilisa ta’uu ibsu kan qaama aangoo qabu  irraa kennamee dhihaate 

6) Namootni mallatteessan miseensa waldichaa ta’uu ykn aangoo qabaachuu qaba. 

7) Miseensa waldichaa keessaa daa’imni umuriin hin geenye yoo jiraate ragaa  dhalootaa ykn ragaa guddistummaa M/Murtiitiin kenname jiraachuu qaba.

1) Qaboo yaa’ii akkaataa seeraatiin qophaa’eyoo xiqqaate koppii sadiin dhiyachuu  qaba.  

2) Qaboon yaa’ii jijjiirraa maqaa kan ilaallatu yoo ta’e, xalayaa jijjiraa maqaa ibsu  waajiraalee ykn biiroo daldalaa irraa dhiyaachuu qaba, akkasumas, kiliraansii  Abbaa Taayitaa Galiiwwani irraa dhiyaachuu qaba. 

3) Qaboo yaa’ii raawwatame buusii akaakuu raawwachuu yoo ta’e (contribution in  kind) yoo jiraate raga abbaa qabeenyummaa mirkaneessuu dhiyeessuu, kan  buusii raawwate gaa’ila kan qabu yoo ta’e ragaa fuudhaa fi heerumaa, haati  manaa/abbaan manaa isaa waligaltee kanaaf fedhii qabaachuu ishii/isaa ibsuu  ykn aangoo bakka bu’ummaa dhimma kana irratti kenname yoo jiraate ykn  gaa’ila kan hin qabne yoo ta’e ragaa gaa’ila irraa bilisa ta’uu ibsu kan qaama  aangoo qabu irraa kennamee dhiyaachuu qaba.  

4) Qaboo yaa’iin dhimma aksiyoona dabarsuu yoo ta’e kiliraansii Abbaa Taayitaa  Galiiwwanii irraa dhihaachuu qaba. 

5) Qaboo yaa’ii irratti namni gaa’ilaaf hin geenye miseensa ta’ee yoo jiraate  waraqaan ragaa dhalootaa ykn ragaan mana murtii jiraachuu qaba 

6) Namootni qaboo yaa’ii irratti mallatteessan miseensa waldichaa ta’uu ykn  aangoo qabaachuu qabu.  

7) Waraqaa eenymmaa miseensoota qaboo yaa’ii irratti hirmaataniihundi  dhiyaachuu qaba.  

8) Hayyamnni daldalaa waldichaa bara baajata sanaatiif haaromsame qaboo yaa’ii  waliin dhihaachuu qaba. 

9) Qaboo yaa’ii waldaalee daldalaa kan galmaa’uu qabaatu bakkuma galmeen  waldichaa jirutti ta’a.  

1) Moggaasa maqaa waldaa daldalaa kan Waajjiraalee Daldala irraa kenname dhiyaachuu qaba. 

2) Barreeffama hundeeffamaa fi dambii ittiin bulmaataa koppii sadiin dhiyaachuu  qaba.  

3) Barreeffamni hundeeffamaa waldaalee daldalaa IMX qabiyyee kanaa gadii  qabaachuu qaba.  

(a) kaayyoo waldichaa,  

(b) kaappitaala waldichaa(baay’ina aksiyoonaa, gatiin aksiyoona tokko,  kaapitaalli walii gala)  

4) Waraqaa eenyummaa miseensota waldichaa dhihaate 

5) Namootni mallatteessan miseensa waldichaa ta’uu ykn aangoo qabaachuu qabu.  

1) Qaboo yaa’ii akkaataa seeraatiin qophaa’e koppii sadiin dhihaate

2) Qaboon yaa’ii jijjiirraa maqaa kan ilaallatu yoo ta’e, xalayaa jijjiraa maqaa ibsu Waajiraalee Daldalaa irraa dhihaate 

3) Qaboo yaa’iin dhimma aksiyoona dabarsuu yoo ta’e kiliraansii Abbaa Taayitaa Galiiwwanii irraa dhihaachuu qaba. 

4) Namootni qaboo yaa’ii irratti mallatteessan miseensa waldichaa ta’uu ykn  aangoo qabaachuu qabu.  

5) Waraqaa eenymmaa miseensoota qaboo yaa’ii irratti hirmaatanii

6) Qaboo yaa’ii waldaalee daldalaa kan galmaa’uu qabaatu bakkuma galmeen  waldichaa jirutti ta’a. 

1) Qaamni hiikkaa afaanii raawwatee hayyama hojichaa kan qabu ta’uu

2) Naamuunaan ykn samuudni mallattoo fi chaappaa qaama hiikka afaanii  raawwatee mana hojiikeenya keessa kan jiru ta’uu mirkaneeffachuu

3) Jecha kakuu nama hiikkaa raawwate dhihaate  

4) Sanada hiikkaan afaanii irraa raawwatame originaalaa isaa fisanada  turjumaaname ykn hiikame koppii lamaan dhihaate 

1) Waligaltee akkaataa seeraatiin qophaa’ee dhihaachuu qaba.  

2) Waligaltee raawwattootni mirga ykn aangoo qabaachuu qabu. 

3) Waligaltee raawwattootni gaa’ila kan qaban yoo ta’e ragaa fuudhaa fi  heerumaa, haati manaa/abbaan manaa isaanii waligaltee kanaaf fedhii  qabaachuu ishii/isaa ibsuu ykn aangoo bakka bu’ummaa dhimma kana irratti  kenname yoo jiraate ykn gaa’ila kan hin qabne yoo ta’e ragaa gaa’ila irraa  bilisa ta’uu ibsu kan qaama aangoo qabu irraa kennamee dhiyaachuu qaba. 

4) Waligaltee raawwattootni waldaalee daldalaa yoo ta’an barreeffama hundeeffamaa, danbii ittiin bulmaataa, akkuma barbaachisummaa isaatti qaboo yaa’ii fi hayyama daldalaa haaromsame dhiyaachuu qaba. 

5) Waraqaa eenyummaa qaama waliigaltee raawwatee fi ragaa baatotaa dhihaate.

1) Waligaltee akkaataa seeraatiin qophaa’ee dhiyaachuu qaba.  

2) Waligaltee raawwattootni mirga ykn aangoo qabaachuu isaanii mirkaneeffamuu  qaba.  

3) Waligaltee raawwattootni gaa’ila kan qaban yoo ta’e ragaa fuudhaa fi heerumaa,  haati manaa/abbaan manaa isaanii waligaltee kanaaf fedhii qabaachuu ishii/isaa  ibsuu ykn aangoo bakka bu’ummaa dhimma kana irratti kenname yoo jiraate ykn  gaa’ila kan hin qabne yoo ta’e ragaa gaa’ila irraa bilisa ta’uu ibsu kan qaama  aangoo qabu irraa kennamee dhiyaachuu qaba. 

4) Waligaltee raawwattootni waldaalee daldalaa yoo ta’an barreeffama  hundeeffamaa, danbii ittiin bulmaataa, akkuma barbaachisummaa isaatti qaboo  yaa’ii fi hayyama daldalaa haaromsame dhihaachuu qaba. 

5) Waligaltee raawwattootni dhaabbilee biroo (fkn-waldaa bu’aa malee) yoo ta’an  sanadootni kanneen akka hayyama haaromsame, danbii ittiin bulmaataa fi  xalayaa hojii gaggeessaa ta’uu ibsu dhihaachuu qabu. 

6) Waraqaa eenyummaa qaama waliigaltee raawwatee fi ragaa baatotaa dhihaate 7) Waliigaltichi qabeenya ykn mirga adda kan ilaallatu yoo ta’e, ragaa abbaa  qabeenyummaa ta’uu mirkaneessuu dhiyaate 

8) Akaakuu qabeenya waliigalteen irratti raawwatamee hubannoo keessa galchuun  akkumaa barbaachisummaa isaatti waraqaa qulqullummaa (clearance)  dhihaachuu qaba. 

1) Sanadni mirkanaa’u kan qaama seerummaa qabuutiin kenname ta’uusaa  mirkaneeffachuu 

2) Sanadni dhihaatu originaalaa fi koppii isaa lama waliin dhihaachuu isaa  mirkaneeffachuu 

3) Waraqaa eenyummaa nama sanadicha qabatee dhihaate 

4) Namni sanadicha qabatee dhihaate mirga ykn aangoo kan qabu ta’uusaa mirkaneeffachuu 

5) Koppii sanadichaa irratti originaala waliin ilaalameera jechuun barreessuun  sanadicha mirkaneessuu 

1) Sanadni akka mirkanaa’u barbaadamedhihaate  

2) Sanadni akka mirkanaa’u barbaadame Mana Hojii keenya irraa kan kenname yoo  ta’e sanada dhihaate mirkaneessuu 

3) Waraqaa eenyummaa nama sanadicha qabatee dhihaate 

4) Namni sanadicha qabatee dhihaate mirga ykn aangoo kan qabu ta’uusaa mirkaneeffachuu 

1) Namni sanadni na jalaa bade jedhe iyyatu mirga ykn aangoo kan qabu isaa  mirkaneeffachuu

2) Sanadni bade jedhame Mana Hojii keenya irraa kan kenname ta’uusaa  mirkaneeffachuu 

3) Sanadni bade jedhame kan Mana Hojii keenya irraa kan kenname ta’uunsaa  yoo mirkanaa’e sanadicha koppii gochuun originala waliin ilaalamuu isaa  mirkaneessuun maamilaaf kennu 

4) Waraqaa eenyummaa nama sanadni na jalaa bade jedhee dhihaate

1) Waligaltee akkaataa seeraatiin qophaa’ee dhihaate 

2) Waligalteen duraa kan Mana Hojii keenyatti galmaa’ee ta’uusaa  mirkaneeffachuu 

3) Waligalticha kan fooyyeessan ykn diigan mirga ykn aangoo qabaachuu isaanii  mirkaneeffachuu 

4) Waligaltee fooyyeessuu ykn diiguun qabeenya hin sochoonee kan ilaallatu yoo  ta’e ragaa baatotni lama kan dhihaatan ta’uu 

5) Waligaltee fooyyeessan ykn diigan waldaalee daldalaa yoo ta’an barreeffama  hundeeffamaa, danbii ittiin bulmaataa, akkuma barbaachisummaa isaatti qaboo  yaa’ii fi hayyama daldalaa haaromsame dhihaachuu qaba. 

6) Waraqaa eenyummaa namoota waligaltee fooyyeessan ykn diiganii fi ragaa  baatotaa 

1) Waldaaleen qaama seerummaa qaban lama ykn lamaa ol ta’an bu’uura seeraatiin  walitti makamuu ni danda’u. 

2) Tokkoon tokkoon isaanii walitti makamuu akka barbaadan mata mataan walgahii  godhanii murtiin dabarsan qaboo yaa’iitiin kan mirkanaa’ee jiraachuu qaba.

3) Waldaaleen walitti makamuu barbaadan galmeen haadhoo isaanii Mana Hojii  keessatti kan argamu ta’uusaa mirkaneeffachuu ykn Mana Hojii garaagaraa  keessatti kan argamu yoo ta’e galmeen haadhoo gara Mana Hojii waligaltee  walitti makamuu galmeessuuf deemuutti naanneffachuu qabu. 

4) Waldaaleen walitti makaman mata mataan barreeffama hundeeffama, danbii ittiin  bulmaataa fi qaboo yaa’ii duraanii dhiheessuu qaba

5) Waldaaleen walitti makamanu bu’uuruma mata mataan murteessaniin waligahii  waliinii tokko gaggeessanii murtii walitti makamuu mirkaneessuu qabu. Murtii  isaanii kanaanis: 

(a) Moggaasa maqaa waldaa haaraa; 

(b) Teessoo isaa; 

(c) Kaayyoo isaa; 

(d) Kaappitaala; 

(e) Gaggeessaa hojii haaraa filachuu 

(f) Barreeffamni hundeeffamaa fi dambiin ittiin bulmaataa waldaa haaraan  qophaa’uutu irra jiraata. 

6) Waraqaa eenyummaa miseensota waldaa haaraa 

7) Waldaaleen daldalaa waliiti makamuuf jedhan mata mataan waraqaa qulqullinaa  Abbaa Taayitaa Galiiwwanii irraa dhiheessuu qabu 

8) Waldaaleen walitti makamuudhaan waldaan hundaa’u akka haaraatti galmaa’uutu  irra jiraata. 

9) Kaapitalii isaanii yeroo walittii makkamaan qar. 30,000,000 yoo ta’e Xalayaa  deeggarsa ejensi eegumsa shamattootaa fi waldorgmii daldalaa irraa dhihaate

1) Waliigalteen waldaalee daldalaa ijaaramanii turan diiguuf taasifamu bakkuma galmeen haadhoo waldichaa jirutti ta’uutu irra jiraata. 

2) Qaboo yaa’ii miseensonni waliigalanii murtii diiguu dabarsan dhiyaachuu qaba 3) Waraqaa eenyummaa miseensota waldichaa 

4) Waldaaleen daldalaa diigamu waraqaa qulqullinaa Abbaa Taayitaa Galiiwwanii  irraa dhiheessuu qaba 

5) Dhorkaa fi idaa irraa bilisa galmee waldichaa keessaa qulqulleessuu

6) Namootni qaboo yaa’ii irratti mallatteessan miseensa waldichaa ta’uu ykn  aangoo qabaachuu isaa mirkaneessuu  

1) Waldaan daldaalaa tokko gara waldaalaa akaakuu birootti (fknf. ‘PLC’n gara  Waldaa Aksiyoonaatti) jijjiiramuu ni danda’a.  

2) Waliigalteen waldaalee daldalaa ijaaramanii turan gosa isaani jijjiruuf taasifamu  bakkuma galmeen haadhoo waldichaa jirutti ta’uutu irra jiraata. 

3) Miseensotni waldichaa irratti walii galuu isaanii kan agarsiisu qaboon yaa’ii  mirkanaa’e jiraachuu qaba. 

4) Dhorkaa fi idaa irraa bilisa ta’uu galmee waldichaa keessaa qulqulleessuu 5) Waraqaa qulqullina/kiliraansii/ Abbaa Taayitaa Galiiwwan irraa kenname; 6) Jijjiiramamoggaaffama maqaa ilaalchisee xalayaan Biiroo ykn Waajjiraalee  Daldaalaa irraa kennamedhihaachu qaba 

7) Barreeffamni hundeeffamaa fi dambiin ittiin bulmaataa waldaa foyyaa’e 8) Waraqaa eenyummaa miseensota walgahii irratti argamanii. 

9) Namootni qaboo yaa’ii irratti mallatteessan miseensa waldichaa ta’uu ykn  aangoo qabaachuu isaa mirkaneessuu  

1) Abukaatooonni dhaabbata tajaajila ogummaa abukaatummaa hundeessan  sadarkaan hayyamni isaani kan wal gitu ta’uu qaba. 

2) Barreeffama hundeeffama fi dambii ittiin bulmaata dhaabbata dhaabbata tajaajila  ogummaa abukaatummaa; 

3) Footo koppii hayyama abukaatummaa ittigaafatamaa(hojii gaggeessa  dhaabbatichaa) fi miseensota dhaabbata tajaajila ogummaa abukaatummaa.

4) Moggaaffama maqaa Biiroo ykn Waajjiraalee daldalaa irraa kenname