Adeemsaa Dhimmoota Yakka Adda Addaa

Dhimmoota Yakka Adda Addaa

“Dhimmoota Yakka Adda Addaa” jechuun bu’uura Labsii Mootummaa Federaalaa Lakk. 881/2007 tiin yakkoota malaammaltummaa jedhamanii kanneen tumamaniifi gochaawwan yakkaa gibiraafi taaksii irratti raawwatamaniin alatti gocha yakkaa kamiyyuu Seera Yakkaa jalatti yakka jedhamee tumameefi gocha yakaa seerota addaa biroo adabbii yakkaa tuman jalatti yakka jedhamee tumamae hunda kan hammatudha

Hojiiwwan Sadarkaa Adeemsa Godinaatti Raawwataman

Sadarkaa Adeemsa Dhimmoota Yakka Adda Addaa Godina Harargee Bahaatti hojiiwwan armaan gadii kan raawwataman ta’a:

  1. Yakka aangoo Mana Murtii Ol’aanaa ta’ee Aanaalee/Magaalota isa jala jiran keessatti raawwataman kan qorannaan isaanii sadarkaa Aanaa/ Magaalaatti gaggeessuun rakkisaa ta’ee deeggarsi gaafatame yookiin kan Daayirektarri yookiin Qindeessaan Dhaddacha Dhaabbii yookiin Abbaan Adeemsaa Dhimmoota Yakka Adda Addaa Godinaa haala addaatiin sadarkaa Godinaatti akka qoratamu ajaju irratti qorattoota Godinaa waliin ta’uun qorannaa ni gaggeessa; qorannaa ni hooggana; qorannaa yakkaa jalqabame addaan ni kuta; qorannaan yakkaa addaan citee ture akka itti fufu ni taasisa; qorannaa gaggeeffame irratti murtii ni kenna; himata ni dhiyeessa; ni falma; ol’iyyata ni gaafata; deebii ol’iyyataa ni kenna;
  2. yakka aangoo Manneen Murtii Aanaa/Magaalaa ta’an ilaalchisee ulfaatina dhimmichaa irraa kan ka’e murtii haqa qabeessaafi loogii irraa bilisa ta’e kennuun rakkisaa ta’uu Daarektara yookiin Qindeessaa Dhaddacha Dhaabbiitiin itti amaname irratti qorattoota Godinaa waliin ta’uun qorannaa ni gaggeessa; qorannaa ni hooggana; qorannaa yakkaa jalqabame addaan ni kuta; qorannaan yakkaa addaan citee ture akka itti fufu ni taasisa; qorannaa gaggeeffame irratti murtii ni kenna; himata ni dhiyeessa; ni falma; ol’iyyata ni gaafata; deebii ol’iyyataa ni kenna;
  3. yakka aangoo Mana Murtii Aanaa yookiin Magaalaa ta’anii Daayirektarri yookiin Qindeessaan Dhaddacha Dhaabbii yookiin Abbaan Adeemsaa Godinaa haala addaatiin sadarkaa Godinaatti akka qoratamu ajaju irratti qorattoota Godinaa waliin ta’uun qorannaa ni gaggeessa; qorannaa ni hooggana; qorannaa yakkaa jalqabame addaan ni kuta; qorannaan yakkaa addaan citee ture akka itti fufu ni taasisa; qorannaa gaggeeffame irratti murtii ni kenna;
  4. murtii Manneen Murtii Aanaa/Magaalaa aangoo sadarkaa jalqabaatiin ilaalanii murtii kennan irratti ol’iyyata Mana Murtii Ol’aanaatti dhiyaatu irratti deebii ni kenna; ni falma;
  5. murtii Manni Murtii Ol’aanaa aangoo sadarkaa jalqabaafi ol’iyyannoon ilaalee murtii kenne irratti ol’iyyata ni gaafata;
  6. murtii Manneen Murtii Aanaa/Magaalaa kennan irratti Gareen Adeemsa Aanaa/Magaalaa komii ol’iyyataa hin qabnu jechuun dhiyaatan qorachuun qabxiin komachiisu yoo jiraate qabxiiwwan komachiisan tarreessuun ol’iyyanni akka gaafatamu qajeelfama ni kenna;
  7. galmeen sadarkaa Godinaatti qoratamu mirga namoota yakkaan himatamuu dhabuu qabaniifi yakka raawwachuun shakkamanii kan kaasisu yoo ta’e galmee qorachuun sababni gahaan mirgi kun akka ka’u taasisu jiraachuu isaa ni mirkaneessa; sababni gahaan yoo jiraate mirgi kun akka irraa ka’u Daayirektoreetiif gaaffii ni dhiyeessa; mirgi yakkaan himatamuu dhabuu akka irraa ka’u qaama aangoo qabuun yemmuu murtaa’u galmee irratti murtii ni kenna;
  8. mirgi sirreeffamtoota seeraa mana sirreessaa keessatti to’annoo seeraa jala jiranii sarbamaa kan jiru ta’uu gabaasni yeroo isa gahu yookiin ofii isaa yemmuu bira gahu tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
  9. hubannoo seeraa ni kenna;
  10. iyyannoowwan adda addaa dhiyaatan ni keessummeessa; furmaata ni kenna; akka kennamu ni taasisa

OBBOO FIQRUU ABBABAA WAAQJIRAA

Abbaa Adeemsa Dhimmoota Yakka Adda Addaa

Tajaajila Argachuuf Ulaagaalee Barbaachisan fi Yeroo fudhachuu danda’u.

  • Abbaan Alangaa Poolisii Waliin ta’uun qorannoo gaggeessuun bakka barbaachisaa ta’etti qaamaan bakka yakkii itti raawwatametti argamun qorachuun xumuruuf;
        • Dhimmoota sasalphaa guyyaa 8,
        • Giddu-galessa 15,
        • Wal-xaxaa Ji’a 3 keessatti.
  • Galmee qoratame irratti murtii kennuun galmee cufuuf yokiin himata hundeessuuf akkataa baayy’ina fuulaatiin guyyaa 1- 6 keessattti,
  • Falmii gaggeessuun murtii kennisiisuu guyyaan itti xumuramu haala dhaddachaa irratti hundaa’a.
  • Gaaffii mirga wabii irratti yaada kennuu guyyaa 1 keessatti kan debiin kennamu dha.
  • Ol’iyyata gaafachuun guyyaa 1-2 keessatti kan dhumu tahee murtiin kenname garu kan komachiisu ta’uu qaba.
  • Iyyannoo daqiiqaa 30 keessati kan keessumaa’u yoo tahu qaamni iyyatu sun garuu qaama gar-jallaa sadarkaa sadarkaan jiran irraa furmaata kan dhabe ykn murtii qaamolee gad-jallaa kan komate ta’uu qaba.

Bilbila Waajjiraa

+251

Leave a Comment