Fuudhaa-heeruma osoo hin raawwatiin akka abbaa warraa fi haadha warraatti waliin jiraachuu

Walquunnamtiin tokko gaa’ila dha kan jedhamu hundeeffamni isaa akkaataa sirna siivilii ykn sirna amantaa ykn immoo sirna aadaa walfuutonni filataniitiin kan raawwatame yoo ta’e dha. Gaa’ila akkaataa olitti ibsameen osoo hin raawwatin dhiirri tokkoo fi dubarri tokko akka dhirsaa fi niitiitti waliin jiraachuudhaan walquunnamtii adda ta’ee fi seera durattis beekamtii qabu uumuu nidanda’u.

Kanaaf walquunnamtii dhiira tokkoo fi dubartii tokko jidduutti uumamu danda’an kan seerri maatii beekamtii kenneef inni duraa fi bu’uuraa gaa’ila yoo ta’u, inni lammaffaa fi addaa immoo gaa’ilaan ala akka dhirsaa fi niitiitti waliin jiraachuu dha. Kunis ni jira jechuudhaaf:-

  • dhiirri fi dubartiin tokko haalli isaan agarsiisan akka fakkii warra seeraan walfuudhanii tahuun barbaachisaa fi gahaadha.
  • Qaama sadaffaan akka warra walfuudhanii tahanii dhihaachuun barbaachisaa miti.
  • Dhiirri tokkoo fi dubartiin tokko haala baratamaa ta’eefi irra deddeebii qabuun walqunnamtii saalaa raawwachuu qofaan walquunnamtii gaa’ilaan ala akka dhirsaa fi niitiitti waliin jiraachuu qabu jechuun hin danda’amu.

Waliin jireenyi kun akkuma gaa’ilaa mirgaa fi dirqamni waliin jiraattota irratti hordofsiisu kan jiru yoo ta’u, kunis karaalee maatiin ittiin hundeeffamu keessaa isa tokko waan ta’eef tasgabbii fi nageenya maatii sanaafis akkuma gaa’ilaatti eegumsi seeraa kan godhameef akka ta’e ni hubatama. Haa ta;u malee walquunnamtii gaa’ilaan ala akka dhirsaa fi niitiitti waliin jiraachuu kanaaf beekamtiin seerri kenne isa gaa’ilaatiin walqixa ykn tokkoo miti. Qabeenyaan walqabatee bu’aan hordofsiisu xinnaa yoo tahi eegumsi godhamuufis kan gaa’ilaatiin gadi. Beekumtii fi eegumsi walqixa yoo kennameef garaagarummaan gaa’ilaa fi gaa’elaan ala waliin jiraachuu jidduu hin jiru jechuu dha. Kana malees gaa’ilaa galmeessuudhaaf wanti nama kakaasusi hinjiru.

Akka dhirsaa fi niitiitti waliin jiraachuun bu’aa hordofsiisu keessaa muraasni:

  • Baasii jireenya waliitiif oolan haguuguu
  • Gama qabeenyaatiin immoo waliigalteedhaan waliin jiraattonni kan murteeffatan ta’ee walquunnamtichi waggaa sadii guunnaan garuu akkuma gaa’ilaatti qabeenya gamtaa kan uumuudha
  • Idaawwan itti seenan, yeroo wajjin jiraatan jireenya waliitiif yookiin fedhii bu’uuraa ijoollee waliin jireenyarraa dhalatanii guutuuf idaawwan itti seenaman yoo ta’an, kafaltii idaawwan kanaatiif lamaanuu bakka tokkotti fi adda addummaadhaan itti gaafatamaa ta’u.

Walquunnamtiin gaa’ilaan ala akka dhirsaa fi niitiitti waliin jiraachuu kan mirkanaa’u ragaa bifa kamiiyyuu gahaa ta’e dhiyeessuudhaan yoo ta’u, ijoon mirkanaa’uu qabus haalli dhirsaa fi niitummatti waliin jiraachuudhaa dubartii tokkoo fi dhiira tokko jidduu jira moo hin jiru kan jedhudha

Fakkeenyaaf,

  • Haalli walqunnamtichaa jiraachuu isaa akkaataan waliin jiraattonni walqunnamtichaa ittiin jiraatan kan warra dhirsaa fi niitiitiin (gaa’ila raawwataniin) tokko ta’uu,
  • Firootni ykn hawaasnis akka dhirsaa fi niitii ta’anitti kan isaan fudhatu ta’uu ragaan dhiyaate gahatti yoo amansiise,
  • Waajjiraalee adda addaa keessatti dhimmoota adda addaatiif galmeeffama raawwatamu irratti dhiirri yookin dubarri tokko niitii kiyya jedhee ykn isheen inni dhirsa kooti jettee kan galmeessan yoo ta’e,
  • Qaamni biratti galmeeffames dhirsaa fi niiti jedhee kan beeku yoo ta’e,
  • Waliin jiraattonni dhirsaa fi niitii jechuun afoosha (iddirii) keessatti kan hirmaatan yoo ta’e, afooshichis kanuma kan beeku yoo ta’e ykn bulchiinsi gandaa akkisitti kan isaan fudhatu yoo ta’e walquunnamtichi jira jechuudhaaf gahaadha jechuun ni danda’ama.

Seera Maatii Oromiyaa (SMO), Labsii (Lab.) lakk. 83/1995/96, keewwattoota 24, 128 – 139

Tsaggaamikaa’el Masfin

Yaadni fi odeeffannoon barreeffama kana keessatti argamu kan barreessaati. Barruun kunis hubannoodhaaf malee imaammata, ejjennoo ykn yaada WAAGHB calaqqisiisuuf kan kaayyeffate akka hin taane haa hubatamu.

waaghb.org

Leave a Comment