Hojii addaan kutuu (A. Alangaa Tsaggaamikaa’el Masfinin)

Gaa’ila keessatti namoonni lama maatii hundeessanii umrii guutuu waliin jiraachuuf waadaa waliif galu. Hariiroowwan namoota jiddutti uumaman hedduun garuu daangaa yeroo qabu. Kanneen keessaa hariiroon hojiin umamu tokko. Hojjataa fi hojjachiisaan hanga yeroo murtaa’ee tokko hojii tokko raawwachuuf waliigalu. Kanaaf waliigalteen kun yeroo itti dhaabbatu qaba. Labsii Hojjataa fi Hojjachiisaa lakk. 1156/2011 irraa akka hubatamutti waliigalteen qaxarrii kaka’umsa hojjechiisaatin yookiin hojjataatiin yookiin akkaataa tumaalee seeraatiin yookiin waliigaltee gamtaatiin yookiin waliigaltee gareewwaniitiin addaan citu danda’a. Kunis hojjataaf, hojjachiisaaf akkasumas biyyaaf faayidaa garaa garaa qaba.

Dhaabbata tokko kan biraa waliin walitti makamuu ykn qooduun ykn mirga abbaa qabeenyummaa gara biraatti dabarfamuun bu’aa waliigaltee hojii addaan kutuu hin qabu. Namni kamiyyuu mirga qabeenya horachuu ni qaba. Adeemsa kana keessatti garuu hojjachiisaan tokko hojjataa isaa akka hin miine eegumsa taasisuufi barbaada. Kanaaf qabxiileen armaan olii rakkoo hojjataatiinis kan hin dhufne waan taheef miidhaa dhufuufis saaxilamuu hin qabu.

Waliigaltee hojii seeraan yookiin waliigalteedhaan addaan kutuu

Waliigalteen hojii akkaataa seeraatiin addaan kutuu

Waliigalteen hojii akkaataa seeraatiin sababoota armaan gadiitiin addaan cita;

1/ Yeroon hojii waliigaltee hojii keessatti murtaa’ee ibsame yeroo xumuramu;

2/ Hojjetaan yeroo du’u;

3/ Hojjetaan akkaataa seera dhimmi ilaallatuun yeroo soorama bahu;

4/ Dhaabbatichi sababa kufaatii yookiin sababa birootiin dhaabbataadhaan yeroo cufamu; kunis hojjachiisaa irratti kisaaraan yoo dhufe tahuu danda’a. Gama biraatiin dhaabbanni tokko hojii tokko qofa gaggeessuuf kan hundaa’e yoo tahe yeroo hojiin sun dhumu kaayyoon dhaabbatichaatis xumurame waan taheef haariiroon hojjataa fi hojjachiisaa akkaataa seeraatin adda cita.

5/ Miidhaa qaamaa dhaabbataa gartokkee yookiin guutummaan guutuutti irra gaheen hojjetaan hojjechuu akka hin dandeenye yeroo mirkanaa’u; kunis ragaa ogeessaan ibsameen deeggaramuu qaba. Hojjataan tokko sababa miidhaa irra gaheef gahee hojii irraa barbaadamu bahachuu hin danda’u yoo tahe waliigalteen hojii kan adda cituu danda’udha.

Waliigaltee hojii waliigalteedhaan addaan kutuu

Gareen walfalman waliigaltee hojii isaanii walii galteen addaan kutuu ni danda’u. Haa ta’u malee, bu’uura labsii hojjataa fi hojjachiisaa keewwata 25 (1)tin hojjetaan mirga seeraan kennameef dhiisuuf walii galteen taasisu bu’aa seeraa hin qabu. Kaayyoon keewwata kanaa hojjataan akka hin saamamne eegumsa gochuufi. Hojjachiisaan humna maallaqaa fi dhageeytii qabu irraa ka’uun hojjataa irratti dhiibbaa taasisuun ykn sossobuun mirga isaa seeraan beekkamee jiru akka dhiisu ykn hir’isu waliigaltee keessa galchuu danda’a. Kun ammoo ija seeraatiin bu’aa kan hin qabne taha.

Dabalataan waliigalteedhaan hojii addaan kutuun seera qabeessaa fi hojjataadhaaf dirqama kan qabu kan tahu waliigalteen sun barreeffamaan yoo ta’e qofaadha. Waliigalteen afaaniin taasifamu seera duratti bu’aa hin qabu. Kunis haariiroo kana addaan kutuun ulfaatina qabu irraa kan ka’eedha.

(Labsii Hojjataa fi Hojjachiisaa lakk. 1156/2011 keewwata 23-25)

Abbaa Alangaa Tsaggaamikaa’el Masfin

Yaadni fi odeeffannoon barreeffama kana keessatti argamu kan barreessaati. Barruun kunis hubannoodhaaf malee imaammata, ejjennoo ykn yaada WAAGHB calaqqisiisuuf kan kaayyeffate akka hin taane haa hubatamu.

waaghb.org

Leave a Comment