Maalummaa fi Gosoota ragaa

Maalummaa ragaa

“Ragaan bu’uura haqaati: ragaa dhiifnaan, haqa dhiiste jechuudha.”

Jeereemii Beentaam

Ragaan waan dhugaa jedhame tokko jiraachuu isaa mirkaneessuuf ykn haaluuf wanta gargaarudha. Firii dubbii falmii irratti qabnu tokko cimsuuf ykn yaada falmii nama biro kufaa taasisuuf akkasumas murtii irra gahuuf ragaan nu gargaara. Filannoowwan jiran keessaas tokko filachuu akka dandeenyu kan nu gargaarudha. Fakkenyaaf dhimma yakkaa yoo tahe ragaan dhihaate himatamaan yakkicha raawwachuu isaa ykn bilisa tahuu isaa adda baasee kan nu agarsiisu tahuu qaba. Yeroo tokko tokko adeemsi ragaa sassaabuu fi dhiheessuu xaarii hedduu kan barbaadu ta’uus ni danda’a. Adeemsi kun garu sirna ittiin bulu fi seera ragaa jedhamu qaba.

Seera ragaa jedhamuun kan beekkamu walitti qabama tumaalee dhugaawwan mana murtiitti ilaalamuu danda’an, haala itti dhihaatan, nama dhiheessu fkkf adda baasun ibsaniiti. Kanaaf seeroonni ragaa kunniin adeemsa mirkaneessa dhimmaa kan to’atan tahuun hubatamuu qaba. Fakkeenyaaf seerri ragaa, ragaa seraan alaa tumichaan, doorsisaan ykn dararaan argame akka fudhatama hin qabne ni ibsa.

Gosoota Ragaa

Tooftaa firii dubbii tokko hubachiisuuf itti fayadamnu bu’uura godhachuun ragaan iddoo afuritti qodamee laalamuu danda’a:-

  1. Ragaa qabatamaa… ragaan qabatamaan jiraachuu ykn jiraachuu dhabuu firii dubbii tokkoo shakkii dhama qabeessaan ol kan mirkaneessuu danda’udha. Ogeessoonni seeraa garuu ragaan qabatamaan kun kan himatamaan walqabatu ykn gochi yakkaa kan ittiin rawwatame tahuu agarsiisuu qabu.

Fakkenyaaf: ashaaraa qubaa, rasaasa, haaduu (meeshaa qara qabu), DNA, fi kkf.

2. Ragaa agarsiisaa… ragaa dhihaate tokko daran fakkeenyaan agarsiisuuf ykn ibsuuf kan gargaarudha.

Fakkenyaaf: fakkii ykn kaartaa iddoo yakki itti raawwatameeykn chaartii

3. Ragaa sanadaa… wantoonni isaan keessatti hammatamanii jiran firii dubbii waliin kan walqabatan yommuu tahu,

Fakkenyaaf: Xalayaa, waliigaltee, hayyama, waraqaa ragaa, tikkeettii, fi kkf tahu danda’u.

4. Ragaa namaa… jecha ragummaa namni tokko qaamaan dhihaachuun dhimmichaan walqabatee wanta qaamota mira isaatiin hubate itti ibsuudha.

Fakkenyaaf: ragaa ogeessaa, nama yakki yoo raawatamu ijaan arge, fi kkf.

Walitti dhufeenya firii dubbii hubachiisu waliin qabuun iddoo lamatti qoodama:- Ragaa Kallattii (direct evidence ) fi Ragaa Al-kallattii ykn Naannoo ( indirect evidence ).

Ragaan kallattii dhugaa falmii keessa jiru kallattiin mirkaneessa.

Fakkenyaaf:-

  • Jecha ragaa namaa qaamoolee miira isaatiin dhimmicha bekuu danda’e,
  • Suuraa ykn viidiyoo raawwii gochichaa agarsiisu
  • shakkamaan gocha raawwate guututti yoo dhaddacha irratti amane jecha amantaa isaa, ykn
  • meeshaa gochi sun ittiin raawwatame, ashaaraa meeshaa san irratti argamu ta’uu danda’a.

Ragaan Al-kallattii wanti falmisiisaa jiru jiraachuu ykn jiraachuu dhabuu isaa kallattiin hin mirkaneessu. Kophaa isaatiin murtee irra gahuuf kan nama hin dandeessifne tahus walitti qabamee cancala gara murtii xumuraattu geessu tahu danda’a.

Fakkenyaaf:-

  • Ragaa ijaa shakkamaan iddoo yakkaatii yeroo fiigu arke
  • Ashaaraa iddoo yakkaatti mullate
  • Waraabbii sagalee bilbilaa shakkamaan yakkicha osoo hin raawwatin fedhii ykn yaada gochicha raawwachuuf akka qabu ittin ibse
  • Doorsisa ergaa gabaabaan (text message) taasifame, fi kkf.

(Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 27 fi Heera mootummaa Federaalaa keewwata 19(5))

Tsaggaamikaa’eel Mesfin

Yaadni fi odeeffannoon barreeffama kanaa kan barreessaati. Barruun kunis imaammata, ejjennoo ykn yaada WAAGHB calaqqisiisuuf kan kaayyeffate akka hin taane haa hubatamu.

2 thoughts on “Maalummaa fi Gosoota ragaa”

Leave a Comment