Tooftaa itti ijoon dubbii hundeeffamuu fi ijoo dhimma falmii hundeessuu

✍️Adeemsa dhimma hariiroo hawaasaa keessatti ijoo dubbii bitaa fi mirgi irratti wal dhaban adda baasuun hojii murteessaa dha.

✍️Ijoon dubbii dhimmichi haala kamiin akka qajeelfamu qabu fi ragaan akkamii akka dhiyaachuu qabu murteessuuf humna qaba.

✍️Ijoon dubbii murtii kennisiisuuf hin dandeenye ykn faayidaa hin qabne yoo hundeeffame adeemsa irratti rakkoo guddaa uumuu danda’a.

✍️Kanaaf abbootiin seeraa, adeemsa kana keessatti, ijoo dubbii sirrii ta’e hundeessuuf of eeggannoo cimaa taasisuu qabu.Ijoon dubbii firii dubbii ykn seera bitaa fi mirgi irratti wal dhaban dha.

✍️Ijoo dubbii bitaa fi mirgi irratti adda bahan hundeessuuf himannaa fi deebii, bu’aa qorannoo bu’uura s/d/f/h/h keew.241tiin taasifamee fi ragaawwan dhiyaatan bu’urreffachuun barbaachisaa dha.

✍️As irratti ijoo dubbii yeroo hundeessinu tooftaawwan tekiniikota armaan gadii hordofuun barbaachisaa dha.

♦️1.Firii dubbii ifa godhi.Firiiwwan dubbii ifa hin taane hin qabatin.
 Firiiwwan dubbii bu’uuraa bitaa fi mirgi irratti wal amanan adda baasi.—eenyu, maal, yoom, eessatti fi akkamitti.Fkn.
 Caamsaa bultii 1 bara 2002 waliigalteen mallatteeffameera.
 Hojichi waxabajjii bultii 1 bara 2001 xumurameera.
 Abbabaan qorannaa herrega isaa Adoolessa 2 xumureera.
 Balaan kan qaqqabe onkololessa lama bara 1999 dha.
 Mana tokko keessa jiraachuun kan hin danda’amne ta’uu lamaan
keessaniyyuu irratti waliigaltu.

 Bitaa fi mirgi kan irratti walii hin galle fo’uu (adda baasuu). Firii dubbii bitaa fi mirgi irratti wal dhaban;
 Gara fuulduraatti ragaadhaan kan mirkanaa’u ta’uu danda’a
 Garaagarummaa ilaalchaa ta’uu danda’a (Fkn.tilmaama gatii manaa)

♦️2. Haala dhimmichaaf murtii dhumaa kennisiisuu danda’uun ijoo dubbii qabadhu. Ijoon dubbii sirnaan qabame fedha garee wal falmitootaa yaada keessa kan galche ta’uu qaba.Manni murtii ijoo dubbii hundeesse irratti bitaa fi mirgi kan irratti waliigalan ta’uu gaafachuu qaba. Garuu ijoo dubbii dhumaa hundeessuun aangoo mana murtii ta’uun dagatamuu hin qabu.

↪️Ijoon dubbii sirnaan hundeeffame filanoowwan hedduu kan kaa’u ta’uu qaba. Fkn;

  1. Bitaa fi mirga gidduu waliigalteen jiraa?
  2. Waliigalteen jira yoo jedhame bu’uura waliigaltichaatiin itti gaafatamummaan himatamaa maal dha?
  3. Waliigalteen hin jiru yoo jedhame maddi walitti dhufeenyi bitaa fi mirgaa maali?
  4. Maddi walitti dhufeenya bitaa fi mirgaa itti gaafatamummaa waliigalteen alaa yoo ta’e itti gaafatamummaan himatamaa maali? Kkf jedhamee filannoon taa’uu qaba.

Ijoo_dubbii_dhimma_falmii_hundeessuu

✍️1.Bu’uura s/d/f/h/h keew.241tiin manni murtii bitaa fi mirga erga qoratee booda mormiin sadarkaa duraa yoo jiraate ajaja irratti kennee firii dubbii bitaa fi mirgi irratti walii hin galle hundeessa. (Mormiin sadarkaa duraa dhiyaate himannaa ykn galmee kan hin cufsiisne yoo ta’e)

✍️2.Ijoon dubbii kan hundeeffamu firii dubbii ykn seera gareen tokko amane ykn jira jedhe gareen biroon yoo haale dha.(keew.247(1)

✍️3.Ijoon dubbii hundeeffamu akkuma haala isaatti ijoo dubbii seeraa qofa ykn kan firii dubbii qofa ykn lamaanuu ta’uu danda’a.

✍️4.Himannaa tokko irraa ijoon dubbii seeraa, firii dubbii tokkoo oli hundeeffamuu danda’a.(247(3)(4)

✍️5.Ijoon dubbii seeraa fi firii dubbii yoo walfaana qabame dursa ijoo dubbii seeraa irratti furmaatni kennamuu qaba. Manni murtii yoo itti amane hanga firii dubbii seeraa irratti murtii kennuutti ijoo firii dubbii ilaallatu beellamaan tursuu ni danda’a. (247(4)

✍️6.Ijoon dubbii dhimma seeraa qofa irratti kan qabame yoo ta’e battalumatti murtiin kennamuu qaba.

7.Ijoon dubbii kan hundeeffamu ragaan bitaa fi mirgaa osoo hin dhagahamin dursee ta’uu qaba. Ta’us manni murtii barbaachisaa ta’ee yoo itti mul’ate ijoo dubbii hundeessuun dura ragaa namaa fi sanada dhiyeessisee qorachuu ni danda’a.(keew.249) Dabalataan manni murtii murtii kennuun dura yeroo kamittuu ijoo dubbii hundeeffame fooyyessuu,jijjiiruu ykn haquu ni danda’a.(251)
✍️8.Akka bu’uuraatti ijoo dubbii kan qabatu mana murtiiti. Ta’us manni murtii ijoo dubbii yemmuu qabatu garee wal falmitootaatiif ibsuu fi yaada isaanii dhagahuu qaba.

✍️9.Gama birootiin gareen wal falmitootaa ijoo dubbii irratti waliigalanii mana murtii qabsiifachuu ni danda’u (251). Manni murtichaas bu’uura s/d/f/h/h keew.253tiin gaafficha qoratee ijoo dubbii fudhatee bu’uura sanaan murtii kennuu ni danda’a.

✍️10.Guyyaa himanni dhagahamutti himatamaan deebii isaa osoo hin dhiyeeffatin yoo hafe manni murtii ijoo dubbii hundeessuuf hin dirqamu (246(2). Ta’us manni murtii himannaa dhiyaate, ragaa barreeffamaa dhiyaatee fi bu’aa qorannaa bu’uura s/d/f/h/h keew.241n taasifame bu’uureffatee ijoo dubbii hundeessuu danada’a.

✍️11.Ijoon dubbii kan hundeeffamu;(248)
a) Dhimmoota himannaa fi deebii keessatti tarreeffaman
b) Ragaa barreeffamaa bitaa fi mirgi dhiyeessan
c) S/d/f/h/h keew.241tiin qorannoo taasifame bu’uureffateeodeeffannoo argame irraa ta’uu danda’a.(Akkuma haala isaatti sadan isaanii ykn lamaan isaanii ykn tokkoo isaanii irraa qabamuu yokiin hundeeffamuu danda’a

✍️12.Lakk.11 irratti kan ibsamaniin ala ragaan biroo ni barbaachisa jedhee manni murtii yoo amane ijoo dubbii hundeessuun dura ragaa namaa fi barreeffamaa dhiyeessisee qorachuu ni danda’a.(249)

✍️13.Tilmaama qabeenya falmiif sababa ta’ee irratti mormiin yoo ka’e manni murtii ijoo dubbii qabachuun dura namoota abbootii seeraa bakka bu’anii qabeenyicha tilmaaman muuduu qaba.(250)

✍️14. Qabxiin ykn dhimmi bitaa fi mirga wal falmisiisu kan hin jirre ta’uu manni murtii yoo hubate ragaa dhagahuun osoo hin barbaachisin murtii barbaachisu kennuu qaba.(254)

✍️15.Garuu qabxii irratti gareen wal falmitootaa adda bahan kan jiru yoo ta’e manni murtii ijoo dubbii hundeessee ragaa bitaa fi mirgi sadarkaa duraa irratti dhiyeessanii fi dabalataan bu’uura s/d/f/h/h keew.249n ajaja mana murtiitiin ragaan dhiyaate qofti murteessisuuf gahaa yoo ta’e battalumatti murtii ni kenna.(keew.255).

Abbaa Alangaa Nuraddin Sham Sheekaa

Yaadni fi odeeffannoon barreeffama kana keessatti argamu kan barreessaati. Barruun kunis hubannoodhaaf malee imaammata, ejjennoo ykn yaada WAAGHB calaqqisiisuuf kan kaayyeffate akka hin taane haa hubatamu.

Waaghb.org

Leave a Comment